Lyrics

Laal Galootoo Gullaalleen kan tufaa Laal Galootoo gaara Abbichuu turii Laal Galootoo Galaan Finfinnee baase Laal Galootoo silaa akka jaalalaa laal Galootoo Wal irraa hin fagaannuu laal Galootoo Jara nu fageessee Laal Galootoo Gullaalleen kan tufaa Laal Galootoo gaara Abbichuu turii Laal Galootoo Galaan Finfinnee baase Laal Galootoo silaa akka jaalalaa laal Galootoo Wal irraa hin fagaannuu laal Galootoo Jara nu fageessee Diiganii gaara sanaa gaara diigamuu hin mallee Nu baasan addaan baanee nu addaan bahuu hin mallee Soorettii haadha sooree irbaanni irra buusa qabaa Seeqanii sesseeqanii kan gargar nu baasan jara Koo Galaanee tiyyaa Qotiyyoon abbaan didaa yaa didaa harqoota keessaa Koo Galaanee tiyyaa Qorra baraan dadhabee morma kee jalattan dheessaa Koo Galaanee tiyyaa Sululta loon hin tiksuu darabaatti galcheeraa Koo Galaanee tiyyaa Yooman dhufee si argaa ani si irraa fagoon jiraa Maalan jiraa maalan jira maalan jiraa yaa Galaanee Maalan jiraa caccabsee na nyaatee jira Ani hin jiruu ani hin jiruu yaa Galaane Ani hin jiruu kukkutee na nyaate tiruu Qotee qotee namichi sanyii darbatee yaa Galaanee Qotee qotee namichi sanyii darbatee Rafee hin buluu namni waan ormaa abdatee Galaanee Maalan jira cacabsee na nyaatee jiraa Laal Galootoo Gullaalleen kan tufaa Laal Galootoo gaara Abbichuu turii Laal Galootoo Galaan Finfinnee baase Laal Galootoo silaa akka jaalalaa laal Galootoo Wal irraa hin fagaannuu laal Galootoo Jara nu fageessee Laal Galootoo Gullaalleen kan tufaa Laal Galootoo gaara Abbichuu turii Laal Galootoo Galaan Finfinnee baase Laal Galootoo silaa akka jaalalaa laal Galootoo Wal irraa hin fagaannuu laal Galootoo Jara nu fageessee Diiganii gaara sanaa gaara diigamuu hin mallee Nu baasan addaan baanee nu addaan bahuu hin mallee Soorettii haadha sooree irbaanni irra buusa qabaa Seeqanii sesseeqanii kan gargar nu baasan jara Koo Galaanee tiyyaa Farda siidaa kafanii siidaa dabalii suurii Koo Galaanee tiyyaa Erga nu daangeessanii barri turee bubbulee Koo Galaanee tiyyaa Waddeessi ciraa gubee Amboo irraa calaqqisee Koo Galaanee tiyyaa Narraa fagaatte jedhee si yaaduun kiyya yoom hafee Maalan hafee maalan hafee maalan hafe yaa Galaanee Maalan hafee caccabsee na nyaate lafee Ani hin jiruu ani hin jiruu ani hin jiruu yaa Galaane Anii hin jiruu kukkutee na nyaate tiruu Cuwwaa cuwwaa jettii simbirroon halkanii yaa Galaanee Cuwwaa cuwwaa jettii simbirroon halkanii Nama garaan dhaane dirmammuu hin arganii yaa Galaanee Maalan jiraa caccabsee na nyaatee jiraa Maalan jiraa maalan jiraa maalan jiraa yaa Galaanee Maalan jiraa caccabsee na nyaatee jiraa Ani hin jiruu ani hin jiruu ani hin jiruu yaa Galaane Anii hin jiruu kukkutee na nyaate tiruu Qotee qotee namichi sanyii darbatee yaa Galaanee Qotee qotee namichi sanyii darbatee Rafee hin buluu namni waan ormaa abdatee yaa Galaanee Maalan jira cacabsee na nyaatee jiraa
Lyrics powered by www.musixmatch.com
instagramSharePathic_arrow_out