Lyrics

Dhugaa ganamaa Dhugeeffanna Oromummaa Waloo uumaa Waloo uumaa Seertu seera namooma Walooma walii Walooma walii Gadaan galti namaa waloo uumaa Walooma walooma walooma Walooma walooma walooma Walooma walooma walooma Walooma waliini waloomaa! Gurree gurraan galu Gurraacha gurra lootii Dafoo hadan dafii Ayyaana warra kootii Qomoon mariin murtu Qormaata mara mooti Gadaan waloon galtu Dhugaan walaba baati Gurree gurraan galu Gurraacha gurra lootii Gurree gurraan galu Gurraacha gurra lootii Yayyaba Yaayyaa Yaa ilmaan Aayyaa Ilaa fi ilaameen Tokkoomuu wayya Yayyaba Yaayyaa Yaa ilmaan Aayyaa Ilaa fi ilaameen Tokkoomuu wayya (Gumgume) Sagaltaman si taajjabe (Gumgume) Ijji moggaa moggaa (Gumgume) Moggaatti wallaaluu (Gumgume) Shimbir lagaa lagaa (Gumgume) Mormori marmaaru (Gumgume) Sirna karra karraa (Gumgume) Karratti walwaalu (Gumgume) Bar beekan walii galu Harki harka harkaa Hidhee wal sakaalu Arrabni dhugaa didee Waan dharaa daldalu Seera uumaa dabsee Uumamaan wal lolu Dafoo dafimee Waaqa waaqa walooma waan Afrikaa Koot yaa sooree Yaa sororakoo Waloo wal faana Waliin dhugaa wal laanna Koot yaa sooree Yaa sororakoo Waloo wal faana Waliin dhugaa wal laanna Walooma walooma walooma Walooma walooma walooma Walooma walooma walooma Walooma waliini waloomaa! Gurree gurraan galu Gurraacha gurra lootii Korjoo kormaan kormu Korommii warra kootii Lammiin lammiin yaatu Lammachi luba yaati Bokkuu gadaan galtu Addunyaa mara mooti Gurree gurraan galu Gurraacha gurra lootii Gurree gurraan galu Gurraacha gurra lootii (Gumgume) Tabbaan tabba tabbaa (Gumgume) Tabbatti ol yaabu (Gumgume) Lagaan laga laga (Gumgume) Lagatti achi darbu (Gumgume) Qomoon qomoo qabu (Gumgume) Qomatti wal qabu (Gumgume) Qomoon gamtaa qabu (Gumgume) Mataa gadi hin qabu Harki harka harkaa Hidhee wal sakaalu Arrabni dhugaa didee Waan dharaa daldalu Seera uumaa dabsee Uumamaan wal lolu Dafoo dafimee Waaqa waaqa walooma waan Afrikaa Koot yaa sooree koo Yaa sororakoo Waloo wal faana Waliin dhugaa wal laanna Koot yaa sooree koo Yaa sororakoo Waloo wal faana Waliin dhugaa wal laanna Walooma walooma walooma Walooma walooma walooma Walooma walooma walooma Walooma waliini waloomaa!
Writer(s): Samuel Alemu, Muhammed Akpinar Lyrics powered by www.musixmatch.com
instagramSharePathic_arrow_out